Waajjirri Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Godina Baalee Deeggarsa Wiilcharii argate. Bitootessa 2016.

Dhabbatni Mit-Mootummaa Agape Mobiliti Itoyophiaa deeggarsa Wiilcarii 37 iddoo bakka bu’aan bulchinsa Godina Baalee fi I/G W/ra Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Godina jirtutti deeggarsi Kun taasifamee jira.

Bakka bu’aan Bulchaa bulchiinsi Godina Baalee Obbo Muktaar Maammiyyaa bakkichatti argamuun haasaa taasisaniin; deeggarsii Kun waan jajjabeefamu qabu ta’u himuun, Qaama miidhamtoota deeggaruun cimanii barachuu, daldaluu fi jirruuf jireenya isaanii jijjiiruu akka dandan himuun, omishaaf omishitummaa guddisuu keessatti Qaama miidhamtoota shoora ol Aanaa qabu waan ta’eef Qaama miidhamummaan bakka yaadan gahuu irraa nama hin hanqisu ergaa jedhu dabarsan.

kanaaf, kaayyoon qaban akka galmaan gahaniif mootummaas ta’ee dhabbatni mit-mootummaa deeggarsa hirkoo Qaamaa gochuun Qaama miidhamtoota jajjabeesuu qaba jedhan.gatiin Wiilcharii tokkoo qarshii 30000*37 = 1110000 olitti tilmaamamu Qaama miidhamtoota bira gahuu danda’ee jira.

Share To Social Media

1 thought on “Waajjirri Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Godina Baalee Deeggarsa Wiilcharii argate. Bitootessa 2016.”

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top