Konfaransiin Sosochii Ittisa Godaansa Seeraan Alaa Godina Arsii Magaala Asallaatti Gaggeeffame.

15/07/2016

Godinni Arsii Godinoota Oromiyaa sochiin godaansa seeraan alaa itti bayyatu keessaa tokko dha.

Kanaaf, guyyaa hardhaa godaansa seeraan alaa godinicha keessatti baayyatu hir’isuufi dhimmicharratti sosochii fi hubannoo uumuuf konfaransiin ittisa Godaansa seeraan alaa qaamolee adda addaa hirmaachise magaala Asallaatti gaggeeffamee oole.

Konfaransii sosochii ittisa godaansa seeraan alaa kanaratti argamuun haasaa kan taasisan Itti gaafatamtuun ijaarsaa fi siyaasa paartii Badhaadhina Godina Arsii Aadde Ra’iisaa Aadam sochiii godaansa seeraan alaa godinicha keessa jiru hir’isuuf dhimmicha ajandaa hoggansaa gochuun kan hojjatamu ta’uu dubbatan

Itti gaafatamaan Waajjira Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa Godina Arsii Obbo Kadiir Usmaan gama isaaniitiin rakkoo godaansi akka godinaatti qaqqabsiise kaasuun rakkoo kana furuuf marii hawaasaa hanga sadarkaa gandatti itti fufiinsaan gaggeessuun murteessaa ta’uu himan. Dabalataan, rakkoo kana furuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu gahee isaanii akka bahachuu qabanis dhaamaniiru..

Konfiransii kanarratti abbootiin Amantaa fi Gadaa, haadholii sinqee akkasumas qaamolee hawaasaa garaagaraa argamaniiru.

Godaansi seeraan alaa biyyaa fi Lammii miidha! kanaaf, Miidhaa Godaansi biyyaa fi lammiileerratti qabu wal hubachiisuun lammiilee godaansa seeraan alaa haa hambisnu!

Share To Social Media

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top