BDhHHO, Tarkaafiwwan haaraa karoorfate irratti Caasaa Isaatiif leenjii kenne.

Biiroon Dhi/Ho/Hawaasummaa Inisheetivoota haaraa fi buleeyyii bara kana raawwachuuf karoorfate harcaatii tokko malee raawwachuu akka danda`amuuf dursaalee garee fi Ogeessota Godinaalee fi Magaalota itti waamamni isaanii biiroof ta`ee fi Aanoolee muraasaaf leenjii humna dandeetti raawwachiisummaa isaanii cimsu kenne.

I/A/ Biiroo Dhi/ Ho/Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Baayisaa Kumaa haasaa taasisaniin inisheetiivii biirichi karoorfate nama giddu galeessa kan godhate keessattuu maanguddoota, jiraattota daandii gubbaa fi kkf milkeessuuf humna eegumsa hawaasummaa leenjisuun beekumsaa isaan qaban haaromsuun, muuxannoo akka walirraa fudhatan gochuun dhimma murteessaa ta`uu dubbatan.

Sagantaa leenjii fi hubannoon kun, raawwii inisheetivoota buleeyyii fi haaraa foyyeessuu keessatti Qindoominni seektaroota Eegumsa Hawaasumma keessattuu sagantaa seeftineetii baadiyaa keessatti lammiilee harka qalleeyyii karaa sirrii fi ifa ta`een fayyadamaa taasisuuf hawaasa giduutti aadaan walgargaarsaa akka jabaatuuf gahee olaanaa akka qabus dubbatan obbo Baayisaa Kumaa.

Leenjiin kun guyyoota lamaaf mata-duree adda addaarratti kan kennamu yemmuu ta`u ogeeyyiin leenjii kanarratti argaman leenjii argatanitti kan gammadan, hubannoo kenname kaka`umsa kan itti horee fi karoora inisheetivii biirichi qabate milkeessuuf xiiqiin kan hojjatan ta`uu dubbatan.

Share To Social Media

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top